Magaalaa Gudar keessatti maaltu ta’e?

Maxxanfame

Waldhabdee qaama nageenyaa fi uummata gidduutti Godina Shawaa lixaa magaala Gudaritti uumameen sa'aatiwwan muraasaaf cufamee kan ture daandiin Finfinnee- Naqamtee banamee jira.

Itti gaafatamaan waajjira bulchiinsaa fi Nageenyaa godina shawaa Lixaa obbo Kumsaa Margaa BBCtti akka himanitti kaleessa galgala naannoo sa'aatii 11tti namoonni qaama tikaa ta'uutti shakkaman dargaggoo tokko fudhatanii deemuuf wayita yaalan uumanni dhaabsise jedhan.

Namoonni kunneen qaama tikaa ta'uu shakkiidha malee ofdura qulqullaa'ee baramas jedhan.

Kominikeeshiniin mootummaa naannoo Oromiyaa fuula feesbuuk isaarratti, Mootummaan Namoota beekkamtii qaama nageenyaa naannichaatiin ala 'qaama nageenyaati `' jechuun rakkoo uume kana too'annoo jala oolchee qorachaa jiraa jedheera.

Waldhabdee uummataa fi qaamolee tikaa kana gidduutti uumameenis daandiin guddichi Finfinneedhaa -Naqamtee geessu uummataan cufamee ture.

Namoonni hidhatan kunneen konkolaataan socho'aa turuu fi hanga dhimmi eenyummaa isaanii qulqullaa'utti too'annoo jala ooluus himan.

Marii galgala uummata magaalattii waliin taasifameenis sochiin hundi gara nagaatti deebi'eeras jedhan Obbo Kumsaan.

Jiraataan magaalaa Gudar akka maqaansaa dhahamu hin barbaanne tokko BBC'tti akka himetti, Ka'umsi waldhabdee kanaa Dargaggoo Birhaanuu Dagafaa jedhamu kan mana Foonii tokko cinaatti tapha Biingoo Taphachiisurraan eegale jedha.

Dargaggoon kuni yeroo tapha kana taphachiisu sagalee olkaasee waan ta'eef qaamoleen kunneen 'nutti hin iyyin' jedhanii akeekachiisa turuu fi wayita mucichi irra deebi'ee sagalee olkaasee taphachiisu sibiila shugguxiitin buruksuu hima.

Qaamoleen kunneen konkolaattota lamaan socho'aa turuu fi battala mucicha konkolaataarra baasanii fudhatanii deemuuf turanitti uummanni dura bahuus hima.

Sababa kanaanis qaamoleen hidhatanii fi tika mootummaa ta'uutti shakkaman kunneen uummata bittinsuuf dhukaasa bananii jedha.

Jalqabaratti shugguxii dhukaasaa turani kan jedhu namni kuni, boodarra shugguxii keessaa rasaasa fixnaan konkolaataa kan biraa keessaa qawwee fudhatanii dhukaasuu eegalan jedha.

Waldhabdeen galgala naannoo saatii 11tti eegale kunis uummanni magaalattii hanga mucaan gadhiifamutti manatti hin deebinu jechuun karaa guddicha cufanii turuu hima.

Rooba cimaa halkan magaalatti roobee turellee keessa hawaasni hanga halkan sa'aatii 8tii manatti akka hin galles hima namni maqaansaa akka himamu hin barbaanne kuni.

Dargaggoon Birhaanuunis qamolee kanneenirraa gadhiisifamee magaala Gudaritti deebi'uu fi sababa waldhabdee kanaatiin miidhaan nama biraarra akka hin geenyes qondaalli nageenyaa godinichaa fi jiraattoni BBCtti himaniiru.