Gosawwan nyaataa bartaniin ala haaraa yaaluuf hangam qophaa'oodha?

Madda suuraa, Getty Images
Gosawwan miidhaaniifi sorataa kanaan dura barreen alatti osoo haaraan nuuf dhiyaatee meeqa keenyatu gammadee nyaata?
Saayiintistoonni garuu gosoota biqiloota hedduu hin beekamne bara 2050 keessatti soorata keenyaaf oolu jedhanii tarreessaniiru.
Gara fuulduraatti cireerratti buddeena warqee ykn firii muka yeroon itti sooratamu dhufaatu jira jedhu.
Waraanni Yukireenitti gaggeeffamus gosoota midhaanii muraasa kanneen sadarkaa addunyaatti gurguramaa turan irratti miidhaa qabu hanga tokko agarsiiseera.
Maddi annisaa sooratarraa argamu harka caalaan gosoota midhanii 15 qofaarraa argama jedhan ogeeyyiin Rooyaal Botaniik Gaardens, Landan irraa.
Oggeessi kunis qabiyyee soorata gara fuuldurratti wabii nyaataa ta'uu danda'an adamsaa turan.
Jijjiramni qilleensa baramaa balaa akka tasaatti oomisha facaasan dhabuu kan hammeessu yoo ta'u, gatiin miidhaan namoonni hedduun addunyarratti soorataniii saffisaan dabala.
Gosoota soorata nyaannuu heddummeessuun beelli akka hin hammaanne gochuuf fala tokko yoo ta'u, waa'ee hedduummina lubbu qabeeyyii hubannoo uumuu fi jijjirama qilleensa baramaatti madaquun fala jedhu ogeessi qorannoo Dr Saam Piriinon.
''Addunyaarra gosoota biqiltuwwan hawaasa gara garaan sooratamanii kumatamaan lakkaa'amanii jiraachuu beekna. Rakkoowwan addunyaa gara fuulduratti mudatuuf iddoon fala argannu bakka kana jira,'' jedhan.
Bqiltuuwwaan 7,000 caalan addunyaarratti kan soorataman yoo ta'u, isaan keessaa 417 qofatu oomishamee soorataaf oolfama.
Paandanus
Paandanus (Pandanus tectorius), biqiltuu xiqqaa naannoo qarqara odolawwan garba guddaa Paasifik fi Filiippinisitti oomishamu.
Baalli biqiltuu kanaa soorata mi'aawa fi biyyoota Kibba Baha Eeshiyaatti jaalatamanitti kan dabalamu yoo ta'u, firiin akka anaanaasii fakkaatu inni qabu dheedhii ykn bilcheeffamee sooratama.
Mukti kun haala qileensaa hamaa ta'e ni dandamata, gogiinsa fi bubbee hamaa kan dandamatu ta'uu Kiwitti qorattuu kan ta'an Dr Meeribel Sootoo Gomeez himaniru.
''Jijjirama haala qilleensa baramaa kan dandamatu fi qabiyyee soorataan badhaadha, akkasumallee ni mi'awa,'' jette.
''Gosoota nyaataa soorannu heddummeessuu qabna, soorata gama aadaa keenyaatin sirrii ta'e, qabiyyee soorataan badhaadhaa ta'e fi addunyarratti haalota mijatoo hin taane keessatti marguu danda'an itti dabaluu qabna,'' jette.
Paandanus otoo leeccalloo naannoo hin mancaasiin ittifufinsaan ittigargaaramuuf bal'inaan oomishuu qabna jette.

Kotoree
Gosa miidhaanii ''soorata gara fuulduraa'' jedhame keessa tokkodha. Gatiin isaa rakasa ta'ullee pirootiin fi vitaamin B dhaan hedduu badhaadha.
Kotoreen naannoolee hedduutti madaquu kan danda'u yoo ta'u, qarqara qaama bishaaniirraa kaasee amma lafa olka'aarratti marguu danda'a.
Addunyaarratti miidhaan dheedhiin gosoota 20,000 kan qabu yoo ta'u, isaan keessaa muraasa qofaatti gargaaramna.
Saayintistoonni gosoonni hin madaqfamnee fi hedduu hin beekamne dhibbaan lakkaa'aman ni jiru jedhanii amanu.
Baaqelaan moramaa (Tylosema esculentum) jedhamu biyyoota akka Bootiswaanaa, Namiibiyaa fi Afrikaa Kibbaatti nyaata beekamadha.
Baaqelaan kun boqqolloo wajjiin affeelamee ykn daakuusaa waliin marqaa qopheessuuf gargaara ykn dhugaatii koko'a fakkaatu qopheessuuf fayyada.
Gosti midhaan dheedhii kanaa hundi hin nyaatamu, ogeeyyiin garuu amala sanyiin bilqiltoota kanaa wal bira qabanii qorachuurratti argamu.
Midhaan daggalaa
Midhaan gosoota margaarra kan argamu yoo ta'u, gosoota hedduu kan qabudha. Gosoonni midhaanii hanga 10,000 caala kunis madda soorataa hedduu ta'uu mala.
Faoniyoo((Digitaria exilis), midhaan Afrikaatti beekamuu marqaa fi waan dhugamu fa'aa tolchuuf ooludha. Midhaan kun haala gongiinsa kan dandamatu.

Warqee
Warqeen biqiltuu muuzii wajjiin walfakkatu yoo ta'u, Itoophiyaa keessatti qofa soorataaf oola. Firiin warqee daraare irraa argamu hin nyaatamu, garuu jirmi fi hundee isaarraa istaarchiin argamu marqaa fi buddeena qopheessuuf oola.
Qorannoon akka akeekutti warqeen namoota miliyoona 100 ol addunyaa keenyarratti naannoo haallii qilleensa baramaa jijjiramaa jiru keessa jiraatan sooruu danda'a jedhamee abdatama.
























