Garee cimaa torbee kanaa xiinxalaan kubbaa miilaa keenya filateen walii galtuu?
Xiinxalaa kubbaa miilaa
Gaarz Kiruuksiin

Madda suuraa, Getty Images
Maanchistar Siitiin Istaamfoord Biriijitti Cheelsii 1-0'n erga mo'een booda dursummaa isaa yoo itti fufsiisu, Yunaaytid ammoo 4-0'n Kiriistaal Paalaasiin injifachuun qabxii wal qixaan sadarkaa 2ffaa dha.
Tapha Tootanhaam 4-0'n Haadersifiild moo'e irratti, Haarii Keen galchii 2 yoo lakkoofsisu, morkataan isaanii Kaaba Landan Arsenaal ammoo Biraayitan 2-0'n injifateera.
Adeemsi cimaa Barnileey, Eevartan Guudiisan Paarkitti 1-0'n mo'uun yoo itti fufu, Liivarpuul gara Seent Jeems Paarkitti imaluun Niiwukaasil waliin 1-1 qixa ba'uuf dirqaman.
Weestihaam injifannoo ajaa'ibsiisaa sa'aatii dhumaa irratti Siwaansii irratti yoo gonfatu, Istook Siitiinis 2-1'n Saawuz Haampitan irra aaneera. Waatfoord fi Weest Biroom 2-2, akkasumas Boornimaawuz fi Leestar goolii malee wal-qixa ba'aniiru
Karra eegaa - Eedersan (Maanchistar Siitii)

Madda suuraa, Getty Images
Eedarsan taphoota piriimeerliigii 7 irratti hirmaatetti galchii lama qofatu itti lakkaa'ame. Taphoota 4 darbanitti ammoo omaa itti hin lakkoofsifamne.
Tapha garee Peep Gaardiyoolaa Cheelsii waliin taphatame irratti, haalli taphataan Biraaziil kun kubbaa itti qolaa ture, akka taphataa sarara duubaa dabalataan qabaniitti ture. Kubbaa inni Seezaar Azpiilikuweetaa irraa jalqabarratti qole ammoo ajaa'iba turte. Kubbaa itti dhahame qabuun haalli Raahiim Istarliingitti darbate ammoo adda dha.
Ittisaa - Maayaa Yooshiidaa (Saawuz Haampitan)

Madda suuraa, Getty Images
Maayaa Yooshiidaa galchii lakkoofsisuurra darbee kubbaawwan 75 mijeessee kenneera. Tapha Istookiin 2-1 injifataman irratti kubbaa 108 kennuun kan isa caalu Ooriyool Roomewoo qofa dha.
Galchiin Maayaa Yooshiidaa Saawuz Haampitaniin walqixa gochuurra darbee kubbaa taphattoonni ittisaa muraasni galchuu danda'an lakkoofsise. Qabxii qooddatanii akka ba'aniifis isaan gargaareera.
Ittisaa - Jeems Taarkoowiskii (Barnileey)

Madda suuraa, Getty Images
Jeems Taarkoowiskii kubbaa 15 galuu malan Piriimeerliigii baranaa irratti qoleera. Been Mii qofatu ittiin qixxaata.
Taphataan kun filannoo garee cimaa koo keessatti yoo galu bara kanatti yeroo lammaffaaf yoo ta'u, Eevartan garee dadhabina guddaa mullisaa jiru waliin tapha taasisan irratti sochiin inni taasise dansaa ture.
Ittisaa- Naachoo Moonriyaal (Arsenaal)

Madda suuraa, Getty Images
Galchii osoo hin lakkoofsisiin taphoota 135 kan ture Naachoo Moonriyaal, kaleessa galchii jalqabaa Biraayitan irratti lakkoofsisee jira.
Arsenaal keessatti taphattoonni kan biroo yoo badan, inni hafee jira, hangan sochii isaa argu maalif akka ta'e caalaattin hubadha. Qophaa'ummaan taphataa kanaa dhugaatti adda dha.
Taphataa Gidduu - Kiyeeraan Tiriippiyar (Tootanhaam)

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan Tootanhaam Kiyeeraan Tiriippiyar 2017tti kubbaa galchiif ta'an 8 mijeessee kenneera.
Tiriippiyar iddoo taphaturratti morkii cimaan akka isa eegu osuma beekuu gara Tootanhaam dhufus, filannoo jalqabaa keessatti idileen filatamuun hojii cimaa akka hojjete mirkaneesseera. Garee cimaa kana keessattis ofitti amanummaa guddaadhaan taphachaa jira.
Taphataa Gidduu - Fiiliippee Kuutiinhoo (Liivarpuul)

Madda suuraa, Getty Images
Erga Piriimeerliigii keessatti taphachuu eegalee, kubbaa sarara peenaalitiin alaa 17 lakkoofsisuun kan ittiin qixxaatu hin jiru.
Warri diddiimoo Niiwukaasiliin salphumatti moo'uu danda'u ture, garuu Seent Jeems Paarkirraa qabxii 1 qofa fudhatanii galan. Fiiliippee Kuutiinhoo irratti baay'ee hirkatanii laata?
Erga taphataan sarara gidduu Biraaziil kun gara dirreetti deebi'ee ciminni isaa dabalee jira.
Taphataa Gidduu - Maaruwaan Feelaayinii (Maanchistar Yunaayitid)

Madda suuraa, Getty Images
Maaruwaan Feelaayinii taphoota Piriimeerliigii baranaa irratti galchii 3 lakkoofsiseera, kun ammoo ida'ama baroota lamaan darbanii 1'n caala.
Jiraachuun Feelaayinii mullachaa jira, haala kana dura hin hubanneen garee Yunaayitid keessatti taphataa murteessaa akka ta'e na galeera, deeggartoonni Yunaayitidis kana hubachaa jiru. Maqaasaa faarsuu kan eegalaniifis kanumaaf fakkaata. Kana caalaammoo taphataan tokko ofitti amanamummaa akka qabaatu wanti taasisu hin jiru.
Taphataa Gidduu - Keeviin De Biruuyine (Maanchistar Siitii)

Madda suuraa, Getty Images
Keeviin De Biruuyine taphoota Maanchistar Siitiin taasise 4 irratti gooliiwwan lakkaawwaman 4 keessaa harka qaba, galchii 1 lakkoofsisuun 3 mijeessee kenneera.
Siitiin yeroo ammaatti Baarseeloonaa durii fakkaatu. Kubbaan inni rukute haalli karra eegaa Cheelsii Tiibuwoot Koortowaarra ittiin darbe akka rookkeetii ture.
Taphataa Gidduu - Been Deeviis (Tootanhaam)

Madda suuraa, Getty Images
Been Deeviis taphoota Piriimeerliigii 9 taasise keessaa galchiiwwan 7 irratti hirmaateera, goolii 3 lakkoofsisuu fi 4 mijeessee kennuun.
Haalli Tootanhaam Haadersifiild waliin kubbaa al tokko qofa tuquun itti taphatan baay'ee ajaa'iba ture. Kubbaan taphattoota Tootanhaam hundaan tuqamuun Deeviis gara galchiitti jijjiire, jalqabaa hanga xumuraatti cimina guddaa ture.
Taphataa Duraa - Maarkas Raashfoord - (Maanchistar Yunaayitid)

Madda suuraa, Getty Images
Maarkas Raashfoord turtii Yunaayitid keessatti taasiseen yeroo jalqabaaf kubbaa 2 gooliif mijeessee kenneera.
Goolii jalqabaa Paalaas irratti lakkaa'amerratti Raashfoord taphataa ittisaa Jooyel Waardiin rakkisee ture, sana boodas Paalaasiif tapha guutuu irratti rakkina itti ta'ee ture.
Taphataan akka Raashfoord ariifataa fi collee ta'e bakka jirutti ittisni isaanii qindoomina dhabuun laafina Kiriistaal Paalaas dha.
Taphataa Duraa - Haarii Keen (Tootanhaam)

Madda suuraa, Getty Images
Haarii Keen, seenaa Piriimeerliigii keessatti Deeniis Beerkaampitti aanuun, taphoota walitti aanan 3 dirreen ala taasisan irratti taphataa galchii 2 yookaan isaa ol lakkoofsise ta'e jira.
Xiinxaltoonni Keen Haatriikii Apoweel Nikoosiyaa irratti argamsiise fi galchiin 2 Haadarsifiild irratti lakkoofsise badhaasa Baaloondiyoor injifachuu isa hin dandeessisu maaliif akka jedhan naaf gala, garuu ofitti amanamummaa guddaa itti horaa deema.
Taphni Keen yeroo dhihoo asitti mullisaa jiru cimina Gaareez Beel waggoottan duraa agarsiisaa ture na yaadachiisa. Mee gara Riiyaal Maadriid akka hin deemne haa abdannu, yoo akkanaan itti fufe achii deemuu dhabuunsaa shakkisiisaa waan ta'eef.


























