Torbe kana Yunaayitid fi Totanhaam wal morkatu. Eenyu irra-aana?

Madda suuraa, BBC Sport
Maanchistar Yunaayitid bara kana yeroo jalqabaaf torbee darbe injifatame. Gaafa Sanbata xiqqaa Totanhaam yeroo morkatan sadarkaa Pirimeerliigii qaban gadhiisuu maluu laata?
Xiinxalaalaan kubbaa miilaa BBC Ispoortii Maark Laawuransan tilmaama isaa taphoota kaanifillee kaa'eera. Isa inni jedhuun walii galtuu?
SAMBATA
Maan Yunaayitid fi Totanhaam (Guyyaa 08:30 )

Gareen Moriinihoo tapha torbee darbe Haadarisfiild waliin taasisan irratti yoo moo'aman, keessumaa boqonnaan dura qabxii argachuuf omaa hin falmanne.
Sochii Deeviid De Hiiyaa'n taasiseen ala kan sirriitti taphate hin jiru, akka garee hin mullanneetti turani.
Yunaayitid waliin qabxii wal qixa kan qaban Totanhaamiif Old Tiraafoord irraa qabxii tokko qabatanii deebi'uun ga'aa dha.
Gareen hanga sadarakaa 6ffaa jiru kamuu morkattoota ciccimoo irraa dirreen ala qabxii yoo qooddatan kan itti tolu natti fakkaata.
Tilmaama Laawroo: 1-1
Arsenaal fi Iswaansii

Arsenaal yeroo ammaa guutuummaatti hin amansiisani, garuu galchiis lakkoofsisaa taphootas injifachaa jiru - Evartaniin torbee darbe moo'aniiru.
Iswaansiin ammoo taphoota 4 dirreen ala taasisan irratti galchii tokko qofatu itti gale.
Mala sanatti ammas ni fayyadamu jedheen yaada, garuu Emireetis irratti kun ni milkaa'aaf jedhee hin yaadu. Gama kaaniinis rakkoo cimaas ni uumu yaada jedhu hin qabu.
Iswaansiin gareewwan sadarkaa xumuraa 6 keessa jiru, yeroodhaafis achuma waan turan fakkaatu.
Tilmaama Laawroo: 3-0
Kiriistaal Paalaas fi West Haam

Roobii darbe dorgommii Waancaa Kaaraabaawoo irratti injifannoon West Haam Totanhaam irratti galmeessisan qabxii guddaa fi leenjisaa Silaavan Biiliichiif boqonnaa kan kenne ture.
Silaavan Biiliich hojiisaa hambifachuuf taphoota lama qofatu isa hafa odeeffannoon jedhan yoo dhugaa ta'e, Sanbata dhufutti qabxii wal fakkaataa argachuutu irraa eegama.
Kiriistaal Paalaas torbee darbe Niiwukaastiliin mo'amuun isaanii carra maleessa isaan taasisa - tapha gaarii taphatani, taphicharraa waa buufatani ba'uufis carraawwan uumanii turan, hin milkoofneef malee.
Yoo akka torbee darbeetti taphatan, kanarraa qabxii ni argatu jedheen yaada.
Tilmaama Laawroo: 1-1
Liivarpuul fi Haadarisfiild

Duratti Liivarpuuliin yoon deeggaru dogoggoreen ture - tapha kana garuu ni injifatu jedheen yaada.
Haadarsifiild Yunaayitid waliin baay'ee gaarii turani, waan argachuu qabanus argatani - garuu Liivarpuul kanaaf deebii ni kennu jedheen yaada, kanaafi kanan deeggaruun.
Tilmaama Laawroo: 2-0
Waatfoord fi Istook

Waa'een Istook xiqqoo na yaaddessaa jira, dirree isaaniirratti erga Boornimaawuziin injifatamanii booda daran caale. Leenjisaan Istook Maark Hiwuuz leenjistoota rakkoo keessa jiranii fi injifannoon isaan barbaachisu keessaa tokko dha.
Waatfoord irratti waan gaarii ni hojjata jedhee hin yaadu, ittisni isaaniis dogoggora hedduu waan hojjatuuf galchiin itti galuu oola jedhee dubbachuus hin danda'u
Tilmaama Laawroo: 1-1
West Biroom fi Maanchistar Siitii

West Biroom garee biraa rakkoo keessa jirudha. Hagayya darberraa kaasee liigicha keessatti hin injifanne, Maanchistar Siitiin immoo garee tokkicha bara kanatti hin injifatamne dha.
Siitiin ni injifatama jedhee hin tilmaamu. Leenjisaa Toonii Puulis ammoo galchiin darzana walakkaa akka itti lakkaa'amu ni eeyyama jedhees hin yaadu.
Tilmaama Laawroo: 0-2
Boornimaawuz fi Chelsii (Galgala 01:30)

Boornmaawuz torbee darbe mo'atus sadarkaa dhumaarra gareewwan jiran keessa jira, yoo xiqqaate torbee tokkoof achuma akka turu nan yaada.
Warri Cuquliisaa ammoo Waatfoord boodaa ka'uun injifatanii jiru, kun ammoo Antooniyoo Kontee irraa waan eegamu dha.
Waancaadhaaf sirriitti morkachaa jiraachuu baatanis, akkasumatti kan badan miti - hanga sadarkaa 4 keessas ni xumuru jedheen amana.
Tilmaama Laawroo: 0-2
DILBATA
Biraayitan fi Saawuzaampitan

Saawuzaampitan garee cimaa qabu, keessumaa fuuldura irratti. Gabatee sadarkaa irratti gidduurra jiru, kunis waan itti tole fakkaata. Kanaa gadis ni deemu jedhee hin yaadu.
Biraayitan yeroo darbe West Haamiin injifatanii jiru. Haala gaariin deemaa qabxiis walitti qabachaa jiru, keessumaa dirree isaaniirratti.
Gareen lamaan qabxii walqixa argachuun waan itti tolu natti fakkaata.
Tilmaama Laawroo: 1-1
Leestar fi Evartan

Leestar maaliif leenjisaa Kilaawudee Piiwul akka filatan naaf gala, muuxannoo guddaa waan qabuufi. Saawuzhaapitan waliin kan ture dabalatee.
Evartan iddoo Roonaald Kooyimaan eenyu akka bakka buusu hin beeku, ammaaf garuu leenjisaan yeroo Deeviid Anisworz akkamiin jijjiirraa akka fidu ilaaluun gaarii dha.
Tilmaama Laawroo: 2-0
WIIXATA
Barnileey fi Niiwukaastil

Tilmaama kootiin ala waan Niiwukaastil agarsiisaa jiruun hedduun dinqama.
Akkuma Barnileey, Niiwukaastil garee qindoomina qaban waan ta'anif injifachuun rakkisaa dha.
Taphichi wal fakkaataa ta'a, garuu Niiwukaastil irra aana jedheen yaada.
Tilmaama Laawroo: 1-2
























