Garee cimaa Gaarz Kiruuk torban kanaa: Moraataa, Saalaah, Da Biruuyn, Kaantee

Madda suuraa, .
Jalqabbiin moo'ichaa Maanchistar Siitii ammas Arsanaal 3-1 mo'achuun itti fufeera. Qabxii isaanis saddeetiin bal'ifataniiru.
Taphoota guyyoota darbaniin sochiiwwan ajaa'ibsiisoo tahan mul'ataniiru. Kanneen keessaas garee cimaa torban kanaa Gaarz Kiruuk tahuun kan filataman eenyu? Kunoo, isaan kanneeni.
Galchii eegaa - Niik Poop (Barnileey)

Madda suuraa, Getty Images
Bara Primeer Liigii kanatti taphataan dhibbeentaan akka Niik Pooppitti galchii eege hin jiru (%88).
Ittisaa - Istiiv Kuuk (Bornimaz)

Madda suuraa, Getty Images
Bornimaz taphoota taphatan jahan darban hunda mo'ataniiru. Istiiv Kuukis galchii lakkoofsiseera.
Taphni Niwkaastiliifi Bornimaz otoo Istiiv Kuuk garee isaatif goolii bareedaa tahe galchuu baate silaa, tapha walqixa 0-0 xumurame kan waqtii kanaa taha ture. Haa tahu malee, moo'achuun isaaniif mala ture.
Ittisaa - Sheen Daafii (Biraaytan)

Madda suuraa, Getty Images
Waqtii Pirimeer Liigii kana keessatti taphataan akka Sheen Daafii kubbaa mataan dhahuun nama biraatti dabarse hin jiru (103)
Ittisaa - Liwis Daank (Biraaytan)

Madda suuraa, PA
Waqtii Pirimeer Liigii kanaan, taphataa Barnileey kan tahe Jeems Taarkoowiskii qofaatu, Liwis Daank caalaa ittise.
Taphataa Gidduu - Keevin da Biruuyn (Maanchistar Siitii)

Madda suuraa, Getty Images
Erga Siitiitti Fulbaana 2015tti taphachuu eegalee booda, Keevin da Biruuyn, taphataa Pirimeer Liigii kamiyyuu caalaa kubbaa mijeessee dabarseera (33)
Taphataa Gidduu - InGooloo Kaantee (Cheelsii)

Madda suuraa, Getty Images
Tapha Maanchistar Yuunaayitid waliin taphatan irratti, Cheelsiin seenaa mo'achuu baay'ee qaba. Kunimmoo waan tasa tahe miti. Cheelsiif Thibaut Courtois isaan barbaachisa ture, irra caalaatti ammo InGooloo Kaanteen hedduu isaan barbaachisa ture. Taphataan erga miidhamarraa deebi'ee booda, gara fayyummaa isaa guutuutti deebi'uun - akka bosonuutti naannicha dammaqinaan hordofa ture.
Taphataa Gidduu - Edin Haazaard (Cheelsii)

Madda suuraa, Getty Images
Waqtii taphaa bara darbee eegalee, Edin Hazaard, taphattoota Cheelsii amma jiran kamirrayyuu galchii lakkoofsisuun namni isa gitu hinjiru (galchiiwwan 17, kubbaa mijeessuu 6)
Taphataa Gidduu - Raajiv vaan Laa Paaraa (Haadersfiild)

Madda suuraa, Getty Images
Taphoota 23 Haadersfiildif hirmaate irra Raajiv vaan Laa Paaraa, goolii galchuu dadhabee ture. Haa tahu malee tapha West Biroom waliin taphatan irratti, boqonnaan dura galchii galmeesssuun seenaa kana geeddareera.
Taphataa Fulduraa - Mohaammad Saalaah (Livarpuul)

Madda suuraa, Getty Images
Mohaammad Saalaah taphoota 11 jalqabaa Liivarpuuliif taphateerratti, galchii yookaan mijeessanii dabarsuu sagal galmeessiseera.
Taphataa Fulduraa - Alvaaroo Moraataa (Cheelsii)

Madda suuraa, Getty Images
Alvaaroo Moraataan jalqaba waqtii darbeerraa kaasee, galchiiwwan 11 mataan dhahee galcheera. Liigota Awuroppaa gurguddoorra taphataan isa caalaa galche hinjiru.
Taphataa Fulduraa - Riyaad Maahrez (Leesistar)

Madda suuraa, Getty Images
Riyaad Maahrez taphoota Pirimeer Liigii afur duraaduubaan taphate irratti goolii galcheera yookaan gumaacheera (goolii lamaafi mijeessuu lama). Kunis tapha kanarratti isaaf kan jalqabaati.
























