Alshabaab loltoota Somaaliyaa hedduu fixe - Loltoota Somaaliyaa

Madda suuraa, Getty Images
Ministeerri Ittisaa Somaaliyaa akka beeksisetti, lola naannoo Jameekoo kan bulchiinsa Buurhakabaa keessa tureen finciltootni 75 ta’an yoo ajjeefaman, kan biroo 56 ammoo madaa'aniiru.
Ibsi ministeerichaa loltoota mootummaa irraa namni meeqa akka ajjeefame ykn madaa'e hin eeru.
Biyyi Gaanfa Afriikaa Somaaliyaan, lola waggoota kurnan lamaan darban garee Al-Shabaab faana gaggeessaa turteen bututtee jirti.
Alshabaab garee seera cimaa Shariyaa hundeessuun bulchiinsa mataa isaa dhaabuuf kan kaayyeffate.
Ministeerri Ittisaa biyyattii akka jedhetti, finciltootni kunneen konkolaattota boombii dhuka’u fe'aniin waraana biyyattii irratti lolan kan banan yoo tahu, kanaanis konkolaattotni waraana biyyattiis lama miidhamaniiru.
Loltootni lama Rooyitarsiitti akka himanitti, lola kanaan loltootni mootummaa hedduun ajjeefamaniiru.
Loltoota kanneen keessaa tokko kan maqaa isaa Ahmad jedhe, reeffa loltoota 40 fi kanneen madaa'an 100 ol gara hospitaalota magaalaa Moqaadishootti geejjibsiisuu hime.
Loltuun biraa Faarah jedhamu ammoo, boombiin konkolaataa Al-Shabaab konkolaattota waraanaa shan akka barbadeessee fi dho'iinsa kanaan loltootni kurnan hedduutti lakkaa’aman akka ajjeefaman tilmaame.
Somaaliyaan erga kufaatii mootummaa Mohammed Siyaad Barree bara 1991 kaasee, mootummaa giddugaleessaa laafaa fi lola gosaa keessa jirti.

















