Ugaandaan namoonni DRC irraa deebiyan guyyoota 21 adda baafamanii akka turan beeksifte
Ugaandaan tarkaanfiiwwan weerara Iboolaa to’achuuf fudhatamaa jiran keessaa tokko ta’uun, lammileen biyyattii Dimokiraatawaa Rippabiliikii Koongoo (DRC) irraa deebi’an guyyoota 21’f adda baafamanii akka turan gochuu Ministirri Fayyaa biyyattii Kiriis Baaryomunsiin himan.
Ugaandaan dubartii Naajeeriyaa tokko karaa biyyattii dabarte irratti dhibeen Iboolaa argamuu hordofaa jiraachuu ishees beeksifteetti.
Aanga’oonni Ugaandaa, aanga’oota Naajeeriyaa waliin ta’uun, namoota dubartii kanaan walitti dhufeenya qaban, galmee imalaa ishee fi sochiiwwan isheen taasifte qorachaa jiraachuu himaniiru.
Ministirri Fayyaa Ugaandaa Kiriis Baaryomunsiin akka jedhanitti, namoonni 60 ta’an lammii Keeniyaa dhibee Iboolaatiin qabame isa jalqabaa waliin walitti dhufeenya qaban, guyyoota 21’f adda baafamanii turuu isaanii xumuruun akka gadhiifaman hayyamameera.
Ministeerri Fayyaa qorannoo imaltootaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Inteebbeetti taasifamu cimsuu isaa ibseera. Akkasumas, daangaawwan lafoo biyyattii hunda irratti to’annoon cimee itti fufeera.
Imaltoonni karaa qilleensaa, lafaa ykn galaanaatiin Ugaandaa seenuu barbaadan hundi unka odeeffannoo addaa guutuun isaan irraa eegama, jedhan Baaryomunsiin.