Namni ajjeechaa Niipseey Hassiliin shakkame Loos Aanjalasitti qabame

Niipseey Hassil
Ibsa waa'ee suuraa, Niipseey Hassil aalbamiin isaa haaran badhaasa Graamiif kaadhimameera
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Ajjeechaa raappar Niipseey Hassiliin namni shakkame tokko to'annoo seeraa jala ooluu aangawoonni beeksisan.

Akka muummeen Poolisii Loos Aanjalas jedhutti, Eriik Holdeer kan jedhamu dargaggoon ganna 29 ajjeecha Dilbata darbe raapparii Ameerikaarratti raawwatameen booda baqarra ture.

Weellisaan ganna 33 Hassil, Magaala Loos Aanjalas keessatti mana gurgurtaa huccuu isaa fuula duratti rasaasaan ajjeefame.

Qorattootni akka himanitti Hassil kan ajjeefame ''dhimma dhuunfaa'' Holdeer fi isa gidduu tureenii.

Shakkamaa Eriik Holdeer

Hoogganaa Olaanaan Poolisii Los Aanjalas Maaykil Moore gaazexessitootaatti yoo himan shakkamaa waliin dubbii afaaniin wal darbuun tureera jedhaniiru.

Yeroo ta'erratti shakkamaan sokkee meeshaa fidatee deeebi'uun dhukaasa itti banees jedhu aangawaan kun.

TMZ akka gabaasetti Viidiyoo kaameraa to'annoo naanno san jirurraa shakkamaan shamiza akka gurraachaa uffate yoo xiqqaate si'a sadii dhukaasuun sana booda baqate. Dhukaasa kanaan namoonni biroon lamas miidhamaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Jaallatootni fi firotanirraa sagantaan gadda ibsannnaa gaggeefamaafi jira. Albamni isaa haaraan 'Victory lab' badhaasa Graamiiy bara kanaarratti gosa aalbama raappii bareedaa jedhuun kaadhimameera.

Maqaan isaa sirriin Ermiyaas Daaviidson Asgadoom kan ta'e weellisaan kun Kibba Loos Aanjalasitti kan guddate yoo ta'u bara dardarummaa isaa miseensa kashlabboota daandiirraa ture.

Booda qindeessa hawaasaa ta'ee itti aansuunis qaama projeektii aartii 'Destination Crenshaw' ta'e.

Sirna gadda weellisaa kanaaf Wiixata darbe qophaayee turerrattis namni baayyate walirra bahuun namnoonnii 19 yoo miidhamn lama haala hamaa keessa jiru. walirra bahuuf kan sababa ta'e namni tokko meesha luqqifachuuf yoo jedhu kan biraan irratti qabuuf sochii tureedha.