Poolisiin mucaa ganna 12 ergaa jibba sanyummaa Wilfired Zahaaf erge to'ate

Wiilfireed Zaahaa
Maxxanfame

Mucaan ganna 12 taphataa Kiristaal Paalaas Wilfireed Zahaaf ergaa jibba-sanyummaa leellisu erge poolisiin to'annoo jala oole.

Zahaan karaa miidiyaa hawwaasaa arrabsoo hedduun akka isa gahu tapha kaleessa Aston Villaa waliin taasisan dursee ibsee ture.

Leenjisaan Kiristaal Paalaas Roy Hudsan arrabsoo akkasii, '' jibbisiisaa fi dhibaa'ummaadha'' jechuun ibsan.

Piriimer Liigiin arrabsoo taphataa kana irra gahe ''tasumaa fudhatama hin qabu" jechuun ibseera.

Poolisiin Lixa Midlaandis ergaa kana dhagahee akka hordofu karaa tiwiiterii ibsuun sa'a tokko booda to'annoo jala oolchuu ibse.

"Ergaan jibba sanyummaa qaban hedduun taphataa kanatti baay'inaan akka ergamaa turan hubanneerra. Erga adda baasnee ilaallees gurbaa ergaa kana itti ergaa ture to'annoo jala oolchineerra,'' jechuun poolisiin karaa tiwiitaraa barreesse.

Mucaan ganna 12 tahe naannoo Soolihaal jedhamu keessa jiraataa ture amma to'annoo poolisii jala jira.

Poolisiin namoota deeggarsa taasisan galateeffachuuun ''arraba jibba-sanyummaa obsaan bira hin darbinu'' jedheera.

Leenjisaa Hudsan taphataan isaanii Zahaan guyyaa taphaa irra ergaan akkasii jibbisiisaan dhaqqabuu nama gaddisiisa jedhanii innis dhimma kana callisuu irra uummatatti beeksisuun waanuma sirrii ture jedhan.

''Taphataa cimaa qabnu har'a akka gahumsa gaariin hin taphanneef ture kan erge. Karaa inni irra deeme garuu tasuma dhiifama karaa hin qabneeni'' jedhan, Hudsan leenjisaan Kiristaal Paalaas.

'SKY Sports' irratti Hudsan dubbii taasisaniin 'Black Lives Matter' karaa jedhuun dabalatee karaa hundumaa gochi akkasii akka dhabamu tattaafatamaa jiraachuu himan.

Piriimer Liigiin Wilfired Zahaa akkasuma taphattoota, leenjistoota fi maatii isportessitootaa cinaa akka dhaabbatu ibseera.

Taphattootni liigii Ingiliz ol anaa keessa jiran deeggarsa isaanii ibsuufi jibba sanyummaa balaaleffachuun jilbeenfachuun mormii isaanii agarsiisuun tapha jalqabaa jiru.